BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Haleellaa 'hidhattoota Faannoon' Amuruutti lubbuun akkamiin darbe?
Haleellaa Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaatti hidhattoota Faannoon raawwate jedhameen lubbuun darbuufi qabeenyi manca'uu jiraattonniifi mootummaan beeksise.
Namooti gamoo dheericha Niiw Yoork yaabbachuun sirna naqataa raawwatan hidhaman
Jaalalleewwan gamoo dheericha Niiw Yoork Impaayar Isteet yaabbachuun sirna naqataa raawwatan to'annoo jala oolan.
Injifannoo Waancaa Addunyaa harka Senegaalii fi DR Koongootii bahe
Senegaal Waancaa Addunyaa 2026 gara 16tti darbiteetti jettee addunyaan amantee ture. Taphni yeroo idilee kenname xumuramuuf daqiiqaa afur qofatu hafe.
KALLATTIIN, Mariin US fi Iraan Dohaatti gaggeessaa turan xumurame, awwaalcha hoogganaa Iraan booda itti fufa
Mariin teeknikaa Ameerikaa fi Iraan Qataar, Dohaa keessatti gaggeessaa turan xumurameera. Mariin itti aanu sirna awwaalchaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii booda itti fufa jedhe Ministeerri dhimma alaa Qataar.
Pirezidaantiin FIFA tapha 24 daawwachuuf balalliin 27 taasisan ijoo dubbii ta'e
Pirezedaantiin FIFA Jiyaanii Infaantiinoon torbee lama keessatti taphoota waancaa Addunyaa 24 daawwataniiru.
Eertiraan lammiileen maallaqa harka isaanii jiru hatattamaan akka baankii galchan ajajje
Mootummaan Eertiraa lammiileen biyyattii maallaqa harka isaaniirra jiru hunda hanga xumura ji'a Adoolessaatti akka baankii galchan akeekkachiise.
Liqeessitoonni mootummaa Itoophiyaa himanna jechaa turan akkamiin waliigalan?
Dureeyyiin mootummaa Itoophiyaaf maallaqa liqeessan ji'a tokko dura mootummaa Itoophiyaa akka himatan beeksisanii turan.
Ameerikaa Kolaraadootti Paartii Demookiraatii bakka bu'uuf filannoo kan moote Meelaat Kiroos eenyu?
Bulchiinsa Ameerikaa Kolaraadootti Paartii Demookiraatii bakka bu'uuf Meelaat Kiroos filannoo duraa mo'atteetti.
US fi Iraan walgaltee nagaa waaressuuf marii teknikaa eegalan
U.S fi Iraan waliigaltee nagaa waaressuufi imala dooniiwwanii Ulaa Hormuuz itti fufsiisuuf Roobii Dohaa keessatti marii teeknikaa alkallattii eegaluu maddeen dhimma kanatti dhiyeenya qabaniifi aangawoonni ibsan.
Tiraamp erga aangootti deebi'ee kiriptoo irraa doolaara biiliyoona tokkoo ol argate
Tiraamp daldala kiriptookaarensii irraa waggaa tokkotti qofa doolaara biliyoona tokko argachuu ibsame.
Baqattoonni birrii miliyoona 2 ol ta'u kaffaluun baasii mootumaan irratti baase akka deebisan godhamuufi
Lammiileen biyyoota garagaraa Yunaayitid Kingidam keessatti koolugaltummaan kennameef paawundii 10,000 (naannoo birrii miliyoona 2.1) akka kaffalan godhamuufi.
Keep Verdeen goolii 1-0 dhaan Arjantiinaa injifatti- tilmaama pirezidantii biyyattii
Biyyi odoolawwan 10 irraa ijaaramtee fi Garba Atlaantik irratti argamtu Keep Verdeen, seenaa keessatti yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaarratti hirmaachuun biyya xiqqoo lammaffaa tapha gulantaa keessaa gara tapha kuffisanii darbuutti ceete taateetti.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Pirezidantiin Keep Verdee 1fi 0 Arjantiinaa injifanna jechuun tilmaaman
Biyyi kun dorgommii Waancaa Addunyaarratti hunda caalaa addunyaa ajaayibsiiteetti.
Viidiyoo, Icciitiin ol adeemaa sooftiweerii danuu hojjete maali?
Sanyii Dirribaa jedhama ogeessa sooftiweerii umurii 16ti. Garuu, umuriisaa kanatti sooftiweerii hawaasa tajaajilan hedduu dalageera.
Viidiyoo, Komishiniin Marii Biyyaalessaa qabxiilee 8 adda baase maal fa'i?
Ajandaaleen kunneen saddet ajandaalee hedduu dhiyaatan keessaa cuunfamuun kan adda bahanidha jedhe komishinichi.
Viidiyoo, Qaamni saalaa dhangooguun dhibee suuta nama ajjeesuuti maaliif jedhama?
Qaamni saalaa dhiiraa dhangooguu dhabuun agarsiistuu dhibee onnee, istirookii, sukkaaraa fi miidhama sammuu ta'uu mala.
Viidiyoo, "Konkolaachiftuurraa ka'een balaliistuu ta'uu barbaada" - Cule
Konkolaachiiftuu Culee Mokonnin jedhamti; jiraattuu Magaalaa Yaa’abal’ooti. Kun fedhii haadhashee akka ta'e BBC'tti himte.
Viidiyoo, Tigraayitti hojiirraa fi daandiirraa waraanaaf nama guuruun yaaddoo uumeera
Wixineen kun seerota adabbii du'aa hordofsiisan qaba. Tajaajila loltummaas dirqama godheera.
Viidiyoo, Tottoobaa: Ogeessa muuziqaa Oromoo weellistoonni leellisan, uummatni hin beekne
Tottoobaa Margoo jedhama. Ogeessa Muziiqaa yoo ta'uu hiriyyaa dhiyoo weellistoota akka Daawwitee Mokonnin, Hirphaa Gaanfureefi Eebbisaa Addunyaa ture.
Viidiyoo, Mana Barnootaa Injinar Taakkeleen ijaarsisan maaltu adda godha?
Kantiibaan magaalaa Finfinnee duraanii Injinar Taakkeleee Uumaa bakka dhalootasaanii Gooroosooleetti Manni Barnootaa haaromsan dinqisiifatamaa jira.
Viidiyoo, Maatii Leencoo Lataa fi gatii qabsoo...
Obbo Leencoo Lataa waggoottan 50 darban qabsoo keessatti dabarse, ijoolleesaafi haati warraa isaa, miidhaa qabsoon kun isaan irran ga'e himu.
Viidiyoo, Oolmaa Aadde Adaanech waliin: Gola Finfinnee daawwachaa gaaffii keessaniif deebii argattu
BBC Afaan Oromoo kantiibaa magaalaa Finfiinnee waliin oolmaa guyyaa tokkoo taasiseera. Gaaffilee ciccimoo gaafanneerra. Daawwadhaa
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
Gamtaan Awurooppaa muddamni kaaba Itoophiyaa isa yaaddessuu ibse
Gamtaan Awurooppaa muddamni dhihoo kana naannoo Tigraay keessatti mudataa jiru isa yaaddessuu ibse.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Komishiniin Marii Biyyaalessaa dhimma Finfinnee fi afaan hojii dabalatee qabxiilee 8 adda baase maal fa'i?
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa yeroo dheeraaf ajandaa uummata irraa walitti qabaa turuun qabxiilee saddet dhumaa jedhe adda baasuu ibse.
Ameerikaan Tigraayitti 'qaamolee adeemsa nagaa gufachiisan' akeekkachiiste
Imbasiin Ameerikaa Finfinnee jiru adeemsa nagaa Tigraay ''qaamoleen gufachiisaa jiran,'' gochasaaniirraa of qusachuun tattaaffiiwwan marii nagaaf taasifamaa jiran akka tumsan akeekkachiise.
Haleellaan shororkaa finxaaleyyii keessaa fi alaan Itoophiyaatti yaalame fashalaa'eera- Min. Nagaa
Ministeerri nagaa Itoophiyaa haala nageenyaa waktaawaa fi filannoo gaggeeffame irratti ibsa miiidyaaleef kennanniiru.
Aarsaa maatiin Obbo Leencoo Lataa qabsoo Oromoof kaffalan
Gatiin qabsoo garuu aarsaa qabsaa'aa dirree qabsoo bahe sanaarratti qofa dhaamee hin hafu. Ilmaan, maatiin, aantee, hiriyoonnii fi gosti nama qabsoof bahe kanaa golgaa seenaatiin duubatti wareegama gatii jabeessa baasu.
'Ajjeechaa Arsiitti tibbana mudateef mootummaafi WBOn quba walitti qaban'
Godiina Arsii aanaalee laama lama keessatti tibbana ajjeechaa namoota nagaarratti raawwate ilaalchisee mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) raawwachuu himate.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
'Akka lammii tokkotti yoo ta'e malee fedhii dhuunfaa hinqabu' - Aadde Adaanech
Godina Arsii Aanaa Asakoo keessatti dhalatanii kan guddatan Aadde Adaanach Abeebee, dubartoota dirree siyaasaa Itoophiyaa keessatti adda durummaan mul'atan keessaa tokko.
Waraanamoo araara? Wantota afur mootummaafi TPLF gidduutti uumamuu malan
Haala mootummaa federaalaafi Naannoo Tigraay gidduu jiru yoo ibsan ''waraanni eegaleera'' jedhu hayyuun heeraa siyaasa Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofan Dr Adam Kaase.
Raayyaan Ittisa Biyyaa dhimma 'Tsimdoo' ilaalchisee hawaasa dippilomaasii Finfinnee jiruuf ibsa kennuu hime
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa sochii "Tsimdoo" jedhamuun wal-qabatee, yaaddoon "birmadummaa Itoophiyaa" irratti aggaamamu' yoo jiraate tarkaanfii fudhatu ilaalchisee hawaasa dippilomaasii biyya keessa jiruuf beeksisuu isaa ibse.
'Maatiikootti ergan ajjefame itti himamuu wayya' - Lammiilee Itoophiyaa Sa'udiitti du'a eeggataa jiran
Himannaan isarratti dhiyaate erga mirkanaa'een booda duuti akka irratti murtaa'eeefi seera Shari'aan murtoon hojiirra akka oole eeruun ''adabbiin du'aa kuni Bitootessa 13/2028 bulchiinsa Asiir keessatti raawwatameera,'' jedha.
Ispoortii
Morokoon Nezerlaandis mo'atte, Jarman ni kufte
Morookoon tapha ajaa'ibaan Nezerlaandis mo'attee gara 16tti darbite.
Alaabaa fi kabaja torbee jaalattoota saala wal fakkaataa tapha Masirii fi Iraan irratti agarsiifamuuf qophaa'e
Har'a Iraanii fi Masiriin tapha gaggeessan irratti alaabaan warra jaalattoota saala wal fakkaataa bal'inaan agarsiifama. Taphni kunis kabaja isaaniif jecha durumaan adda bahe.
Buruunoo Fernaandez, Eenzoo Fernaandez fi jijjiirraa taphattootaa kaan
Maanchister Siitiin taphataa Nootiingihaam Foorest Eliyoot Andersan gatii rikardii Biriiten taheen harka galfachuuf fiixeerra jira.
Borciin ykn coomi garaa si dhiphisaa jiraa? Furmaati kunooti
Namni coomi garaatti heddummaate ykn borcii qabu dhiibbaa dhiigaa, dhiiga keessatti hammi shukkaaraa dabaluu fi kantaruu dhiigaaf saaxilamuu danda'a.
Bakka hojii keetti gammaduu yoo feete waan gochuu qabdu
Email barreessuu, bilbila haasawuu dabalatee hojiiwwan waajjira keessaa baay'een barcumarra taa'amee hojjetama. Garuu, barmaatni kun fayyaa keenya miidhaa jira. Yeroo dheeraaaf bakka tokko taa'anii turuun ulfaatinni qaamaa akka dabaluu fi dhibee onnee fi dhibee sukkaaraa gosa 2ffaaf jedhamuuf akka nama saaxilu ogeeyyiin ni himu.
Arsenaaliifi Tootenhaamiin tuffatamuu hanga Waancaa Addunyaatti- Seenaa Antoonii Semenyoo
Taphataan kileboota akka Arsenaal fa'aan ijoollummaatti tuffatame Antooniyoo Semenyoon akkamiin abdii kutannaarraa deebi'uun taphataa urjii tahe?
Liyoneel Meesii: kophee erga fannisee deebi'ee hanga rikardii Waancaa Addunyaa cabsuutti
Liyoneel Meesii dorgommii Waancaa Kooppaa Ameerikaa bara 2016 gaggeeffamerratti biyyisaa Arjantiinaan Chiilidhaan injifatamuu hordofee dorgommii idiladdunyaa kamirraayuu kopheesaa fannise.
Oduu jijjiirraa taphattootaa: Morgaan Roojars gara Arsenaal deemuuf kan jedhuufi kaan
Taphataan sarara gidduu Astin Viilaa fi Ingilaand Morgaan Roojars bara dhufu kana gara Shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingliz, Arsenaal deemee barbaada
Rikardiiwwan haaraa Waancaa Addunyaa barana galmaa'uu malan
Waancaan Addunyaa bara 2026 erga jalaqabee reefu guyyoota 10 ta'ulleen waan haga ammaatiinuu seenaawwan kubbaa miilaa haaraan galmaa'aa jiru.
Ooh, obboleekoo! Obbolaawwan Waancaa Addunyaarratti gareewwan garaagaraatiif taphatan
Obbolaawwan wal dorgoman Waancaa Addunyaa kana irratti gareewwan adda addaaf hiriiraa kan jiran yoo ta'u, dorgommii kana irratti waliigala obbolaawwan cimdii torba (8) ta'u.
'Obboleessi koo qalqalloo ruuzii keessa dhokatee miliqe' - Baqattoota Waancaa Addunyaarratti ifaa jiran
Garee kubbaa miilaa Jarmanii waliin hirmaataa kan jiru Antoonii Rudigar tapha Jarman 7-1 Curacao injifatterratti jijjiiramee gaafa galu maatiinsaa Afrikaa jiran isa karaa fooddaa TV isa ilaalanii akka itti boonan dhakkii hin qabu.
Ramaddiin tapha Piriimer Liigii 2026-27 bahe, Arsenaal Koovantarii waliin taphata
Shaampiyoonaan 2025-26 Arsenaal bara kana kan ol guddate Koovantarii Siitii waliin tokko jedhee morkii isaa eegala.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.






































































































