BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Itoophiyaa fi Ertiraan mariitti akka deebi'an Ameerikaan waamicha dhiyeessite
Muddamni Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu adeemu kan ishee yaaddesse Ameerikaan biyyooti lameen lolarraa of qusachuun gara mariitti akka deebi'an waamicha dhiyeessite.
"Qaamni dhimma Itoophiyaa keessa seenu gatiisaa akka argatu shakkiin hin jiru"
Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa ce'uun waraana guyyoota darban gaggeeffaman keessatti hirmaachuu kan ibsan qondaalli olaanaan mootummaa Itoophiyaa Abraham Balaay (PhD) ''deebiin mootummaa Itoophiyaa akkaan hamaa ta'a,'' jedhan.
Biyyoonni Itoophiyaan himattu Masirii, Ertiraa fi Sudaan el-Alamiinitti maal mari'atan?
Gaanfa Afrikaatti yeroo kamuu caalaa wayita walitti bu'iinsii fi muddamni hammaatee jirutti Masiriin hooggantoota naannawa kanaa michuuwwan ishee ta'an mariisisaa jirti.
Maqaleetti tajaajilli bilbilaafi intarneetii deebi'uu jiraattonni himan
Magaalaa guddoo Naannoo Tigraayi Maqaleefi naannoosheetti tajaajilli bilbilaa fi intarneetii guyyootaaf adda citee deebi'ee hojii jalqabuu jiraattonni BBC'n dubbise himan.
Dippiloomaasiin Itoophiyaafi Ertiraa waggoota 36 darban keessa eessaa ka'ee eessa gahe?
Itoophiyaafi Ertiraan waggoota 36 darban keessa michuu dhiyootii hanga wal tumsuutti, darbee ammoo hanga waraanaatti qaqqabaniiru. Waraanaan booda ammoo hanga waggoota 20f dippilomaasiin walirraa fagaatee " haala waraanas, nagaas hin ta'iin" keessa tureen booda araara buusuun hariiroon gidduu isaanii fooyya'iinsa agarsiiseera.
Pirezidant Shimallis waa'ee caasaa godinaa haaraa fi himannaa dhihaaterratti maal jedhan?
Caffeen Oromiyaa torbaffaan kora jalqabaa kan bara hojii jalqabaa irratti wayita mootummaa haaraa hundeessu godinaalee Oromiyaa 21 turan ja'atti gurmeesseera. Caaseffama haaraa kana kanneen deeggaran akkuma jiran, mormiinis mudateera.
'Dhiirri hundi gaheesaa bahachuu qaba' -Dhiirota Afrikaa Kibbaa haleellaa saalaa dubartootaa hambisuuf tattaafatan
"Dhiirota dubartoota reeban yeroo hundan arga " jedha Kgomotso Mathekga, 30. "Keessumaa yoo lamaanuu machaa'aniiru taheef'"
KALLATTIIN, Hidhattoonni Huutii Yaman kuusaa boba'aa Sa'uudii Arabiyaa magaalaa Riyaaditti argamu haleeluu ibsan
Hidhattoonni Huutii Yaman kuusaa boba'aa magaalaa guddoo Sa'uudii Arabiyaa kan taate Riyaad keessatti argamu misaayelaa fi dirooniin haleeluu yoo ibsan mootummaan Sa'uudii waa'ee haleellaa kanaa waan jedhe hin qabu.
Gargaaraan paayiletii xiyyaara Flydubai keessatti paayiletii qottoodhaan rukute- Qondaala UAE
Gargaaraan paayiletii xiyyaara Flydubai gara Israa'el imalaa ture to'annaasaa jala oolchuun gara fedhetti qajeelchuuf yaale paayiletii xiyyaarichaa qottoodhaan rukutuu abbaan alangaa Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) ibse.
Humnoonni TPLF Maqalee gadhiisanii bahuun gabaafame
Humnoonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqalee gadhiisanii ba'uu isaanii gaazexeessitootaa fi jiraattota naannichaa eeruun burqaan oduu Faransaay AFPn gabaase.
'Irreecha araaraa, nagaafi jaalalaa akka ta'u hawwina' - Abbaa Gadaa Tuulamaa
Bara Gadaa isaaniitti Irreecha jalqabaa kan ta'e kanarratti dubbiin angafti isin labsitaniifi xiyyeeffannaan keessan bara kanaa maal jechuun BBCn Abbaa Gadaa Tuulamaa Geetuu Taliilaa gaafateera.
Pirezidant Isaayyaas gara Masiriitti imaluun ibsame
Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii daawwannaa hojiitiif gara Masiriitti imaluun ibsameera.
Wal argaan Instagram BBC Afaan Oromoo!
Waan gurra itti qeensitan miidhagsinee ijaafi gurra isin buusna.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Humnoota federaalaafi humnoota Tigraay gidduu lolli eegale
Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti humnoota federaalaafi humnoota Tigraay gidduu walitti bu'iinsi eegale.
Viidiyoo, Haleellaa Wallagga Lixaa Warshaa Warqee Tulluu Kaappiitti mudate kan beeknu
Pirojektiin Warqee Tulluu Kaappii Godina Wallagga Lixaa, aanaa Ganjiitti argamu rakkoo nageenyaa walqabatee hojii dhaabeera.
Viidiyoo, Faayidaawwan shubbisaa afur amanuuf ulfaatan ogeeyyiin ibsan
Shubbisni sochii qaama qofa isinitti fakkaata ta'a. Garuu sochii sammuu guddaadhas.
Viidiyoo, Gaanfa Afrikaatti biyya kamtu humna qilleensaa Itoophiyaan dorgoma?
Gaanfaa Afrikaatti Itoophiyaan humna guddaa qabaattus, olloonni ishees deeggarsaan humnasaanii cimsachuurratti argamu.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
Humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Maqalee jiru 'to'achuu' booda balaliin haqame
Humnoonni Tigraay guyyaa Roobii ganama buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqalee jiru to'achuun isaanii erga dhagahamee booda balaliin gara Tigraayitti taasifaman adda citan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
''Jigiidha'' - Tumsa hidhattootaafi akeeka MM Abiy irratti xiinxala Jawaar
Akka xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad jedhutti, wal ta'iinsi hidhattoota kanaa ''tumsa sirna ijaaruu osoo hin ta'in tumsa sirna diiguu qofa'' dha.
Walta'iinsi hidhattoonni taasisan 'qilleensarra qofa jira' - Jen. Hayiluu Gonfaa
Itoophiyaa;- Tibbana hidhattoonni Itoophiyaa torba waraanaan mootummaa aangoorraa buusuuf qindoomuu isaani ilaalchisee waanti gama mootumman jedhame maali? Dhimma nageenya irratti gorsaa Perizdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'an Birgaadir Jeneraal Hayiluu Gonfaa waanti jedhan kunooti.
Hidhattoonni Itoophiyaa torba mootummaa loluuf qindoomina uumuu ibsan
Hidhattoonni Itoophiyaa keessa socho'an torba ''dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu'' jechuun maqaa Tibibbir Lehilliwunnaa jedhuun qindoomina haaraa uummachuu Hoogganaan Sochii Biyyaaleessaa Faannoo Amaaraa Obbo Zammanee Kaasee miidiyaa Tigraay irratti ibse.
'Waan akkasii arginees, eegnees hin beeknu' - Qonnaan bultoota midhaan facaasan lafaa ol hin ba'in hafe
Ongeen kanaan dura bakkaa bakkatti darbee darbee mul'ata kan jedhu jiraataan aanaa Bookee kun, kan baranaa kun guutummaatti ta'uus hima.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Ameerikaan qoqqobbii sababa waraana Tigraayin Ertiraarra keessee turte kaaste
Bulchiinsi Pirezidaant Donald Tiraamp qoqqobbii humna Ittisaa Ertiraa fi dhaabbilee biyyattii tokko tokkorra kaa'amee ture kaasuu beeksise. Murteen kun Jimaata, kaleessaa Fulbaana 18, 2026, Ameerikaadhan beeksifame.
ABO-WBO dhimma Gamtaa Tsimdoo fi 'Faannoo' Wallaggaa irratti maal jedhe?
ABO-WBO gamtaa humnoota mootummaa Itoophiyaa mormuuf ijaaramanii Tsimdoo jedhamu keessa akka hin jirre ibse.
Baqattoonni Itoophiyaa waraana Huutii gidduutti danqaman birmannaa gaafatan
Baqattoonni Itoophiyaa Yaman jiran waraana Huutii akkaan babal'ataa jiru gidduutti danqaman birmannaa gaafataa jiru. Magaalaa Sana'aa qabatanii kan jiran hidhattoonni Huutii kutaaleen Yaman gara kaabaa hedduunis to'annoosaanii jala jira.
'Harka keenya galeera, ABO-WBO beektaa naan jedhe' - Maatiin Obbo Daani'el maal jedhu?
Haleellaa hidhattoonni Godina Wallagga Lixaa Aanaa Ganjii warshaa oomisha warqii Tulluu Kaappiitti raawwataniin maatiin miseensa maatii dhaban akka qoratamu gaafatan.
Obbo Taayyee Danda'aa dhuguma sanada dhiifamaa mallatteessuu didee?
Obbo Taayyee Danda'aa dhuguma sanada dhiifamaa mallatteessuu didee? Hidhamtoonni himanni isaanii akka adda cituuf haaldureen mootuummaan kaa'e maali?
Ispoortii
Fiigicha badhaasa hanga birrii miiliyoona 1 argamsiisu dabalatee taateewwan Irreechaa ijoo
Irreecha bara 2026 waliin walqabatee taateewwan adda addaa magaalota Finfinnee fi Bishooftuu dabalatee kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeeffamaa jira.
Atileet Tigist maraatoonii Barliin irratti erga miidhamtee maal keessa jirti, egeree isheef yaaddessaadhaa?
Atleet Tigist Asaffaa erga maraatoonii Barliin irratti miidhaan isheerra gaheen booda wallaansa baqsanii yaaluu milkaa'aa ta'e gaafa Wixataa taasifachuu ishee leenjisaan ishee BBCtti himeera.
'Siitiin waancaawwan injifate akka dhabu yoo murtaahes Yunaayitidiif hin malu'- Rooniy
Maanchister Siitiin himannaawwan seera faayinaansii cabsuun irratti dhiyaateen badiin irratti argamuu booda waancaa mo'ate akka dhabu yoo ta'e waancaan kamuu Yunaayitidiif hin maluu jedhe taphataan duraanii garichaa Waaynii Rooniy.
Haakariin Maanchistar Siitii barbadeessuuf yaale Ruyii Piintoo eenyu?
Maqaan Ruyii Piintoo jedhamu maqaa deeggartoonni Maanchistar Siitii akkaan beekanidha. Deeggartoonni kilabichaa maqaa nama kanaa qofa osoo hintaanee hojiisaas sirriitti beeku. Piintoon haakarii lammii Porchugaal kilaba kubbaa miilaa beekamaa Maanchistar Siitii galaafachuuf yaaledha.
Hireen Maan Siitii itti aanu maal ta'a? Gadi bu'uu? Waancaan irraa fudhatamuu? Ol iyyachuu?
Seera maallaqaa Piriimer Liigii cabse jedhamuun Maanchester Siitiirratti himannaawwan 115 waggaa lamaa oliif irratti dhiyaate dhumarratti murtee argateera.
'Kallattii jireenyaa koo kan jijjiirte haadha manaa kooti'
Addunyaa kubbaa miillaa keessatti Mikeel Arteetaa akka taphataattis akka leenjisaattis beekna, garuu gameessi kubbaa miillaa kun eenyu?
'Biraayitan Arsenaal ciibsee irra deeme' - Alan Shiirar
Dorgommiin Piriimeerliigii Ingiliz baranaa erga eegalee Arsenaal tapha Sambata Biraayitan waliin taasiseen 3-0dhaan mo'amuu osoo hin taane, gahuumsa gadaanaa kan itti agarsiisedha.
Biraayiten V Arsenaal: Kanaafi tapha biroo AI fi Saatan kennan maal fakkaata?
Taphoota kilaboota Piriimer Liigii Jimaata galgala irraa kaasee dhum-torbee kana gaggeeffaman keessaa kan Arsenaal gara dirree Biraayiten deemuun taphatu akkaan warra eegaman keessaati.
Kaarik ammallee 'dhiibbaan na dhiphisu hin jiru' jechaa jira, garuu dhiphachuu hin qabuu?
Maanchester Yunaayitid Roobii galgala taph Karabaa'oo Kaap marsaa duraarratti Biraayitaniin 3 fi 2'n mo'amee keessaa baheera. Kun ammoo Fulbaana 4 bara 1976 booda yeroo jalqabaatiif dirree isaarratti goolii 2 fi 0n dursaa osoo jiru mo'amuu isaati.
Naayiroobiin Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa 2029 qopheessuu mo'achuun Afrikaaf seenaa guddaadha- Haayilee Gabresillaasee
Atileetii jabaan Itoophiyaa, yeroo lamaaf shampiyoonaa Oolompikii fiigicha meetira kuma kudhanii (10,000m) ta'e, Haayilee Gebrasillaasee, Kibxata ganama "oduu dinqisiisaa" jechuun Afrikaa guutuu baga gammaddan jechuun murtoo seena qabeessa kana hordofee ergaa isaa dabarseera.
Arsenaal taphataa umrii waggaa 16 Maksi Dowmaan kunuunfachuu qaba- Arteettaa
Taphataa ol adeeman dorgommii Waancaa Karabaawoo irratti ga'umsa isaa addunyaatti mul'ise Maksi Dowmaan tumsaa fi hordoffii akka barbaadu leenjisaan isaa Mikeel Arteettaan dubbate.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Ajaa'iba
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.












































































































