'Sababa Finfinneef reebameen osoon digrii qabuu qubaan mallatteessa' - Bars. Mokonnin Ajjamaa

Barsiisaa Mokonnin Ajjamaa Wiilcharii gubbaa taa'ee

Madda suuraa, Anaaf Yifruu

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

"Iddoo tokkon taa'a, warraaquu hin danda'u, cinaacha tokkottin rafa, kafana qofa kaawwachuu dha wanti ani danda'u... Osoon digrii qabuu barreessuu hin danda'u, qubaanin mallatteessa."

Kun Barsiisaa Mokonnin Ajjamaa haala keessa jiranirratti BBC'tti kan dubbatan keessaa yaada fudhatame dha. Miidhaa amma himachaa jiran kana waliin erga jiraachuu eegalanii waggoota 12 ta'eera.

Ka'umsi miidhama isaanii garuu miidhama waggoota 22 dura gaafa barataa sadarkaa lammaffaa turan isaanirra gaherraa kan dhufe ta'uu himu.

"Teessoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinneerraa Adaamaatti jijjiiramuu hin qabu" kan jedhu sochii barattootaa ture keessatti hirmaannaa ho'aan bara 1996 godhaa turan dararaa amma argaa jiraniif isaan saaxileera.

Barataa wayita turanitti Kongiresii Biyyoolessaa Oromoo bakka bu'uun filatamanii miseensa Caffee Oromiyaa turan barsiisaa Mokonnin, bu'aa bayii, hirmaannaa siyaasaa fi miidhama keessa jiran irratti yaada isaanii BBC'f qoodanii jiru.

Dhiyaadhaa!

'Lakkoofsa saddeet na hidhan'

Barsiisaa Mokonnin Ajjamaa dhalootan nama aanaa Meettaa Walqixxeeti. Barataa sadarkaa lammaffaa gaafa turan sochii siyaasaa eegalan.

ALI bara 1995 teessoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinneerraa Adaamaatti jijjiiramuu hordofee Oromiyaa keessatti mormiin uummataa eegale. Mormiin sun itti fufee bara 1996 keessa wayita barsiisaa Mokonnin Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Hoolataatti kutaa 12ffaa baratan isaaniii fi fi hiriyoota isaanii hawwachuun dhimma kanarratti gaaffii kaasuu eegalan.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Baruma kana keessa Mokonninii fi barattoonni mana barnootichaa hedduun ni humnoota mootummaatiin hidhaman. Jalqaba kaampii waraanaa magaalaa Hoolataa jirutti hidhamuu kan himan barsiisaa Mokonnin, reebichi hamaan irratti raawwatamuu yaadatu.

Kaampii waraanaatti hidhaa dararaa lakkoofsa saddeet (8) jedhamu hidhamuun reebichi hammaataan irratti raawwachuu himu.

"Reebichi ture baay'ee ulfaataa dha. Yeroo san gurra na miidhan. Karaa bitaatirraan na miidhan" jedhu barsiisaa Mokonnin Ajjamaan.

Guyyaa itti aanu kaampii waraanaatii baafamuun waajjira poolisii tursiifamuu kan himan barsiisaan kun, booda barattoota saddeet waliin Ambotti himatni akka irratti banamee ture yaadatu. Himata ture kuffisuun manni murtiimmoo bilisa isaan baase.

Garuu barattoonni kunneen waggaa lamaaf barnootarraa dhaabsifaman. Dhaabsifamuun qofa osoo hin taane bakka argamanitti akka qabaman jechuun qaamni nageenya isaan adamsuu itti fufe.

Jidduu kanatti filannoon bara 1997 yoo gahu, barsiisaa Mokonnin Kongiresii Biyyoolessaa Oromootiin kaadhimamuun uummata aanaa Meettaa Roobii bakka bu'uun Caffee Oromiyaa seenan. Sababa kanaan dawoo seeraa argachuusaaniin humnoota nageenyaan adamsamuun irraa dhaabbachuu himu barsiisaan kun.

"Bakka argametti haa hidhamu kan jedhu ajajni waan darbeef dhokadheen jiraadha ture. Garuu, KFO seenuu booda dawoo seeraa argadhee adamsamuun narraa dhaabbate."

'Jiraachuman dadhabe'

Bars. Mokonnin barnoota isaanii kutaa 12ffaa xumuruun beeara 1999 yunivarsiitii Miizaan Teeppii seenuun muummee barnoota Afaan Ingliiziin eebbifame. Yunivarsiitii akka bahaniin naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromootti barsiisaa ta'anii kan ramadamanis seenaa siyaasaa isaanii duraanii sababa godhachuun hojiirraa ari'aman.

Walitti fufuun bakka hojii ramadaman hundarraa akka ari'aman himu.

"Jiraachuun dadhabe, hojiillee akka hin hojjetanne. Arsii nageelleetii na ari'atan, Bulee Horaatii na ari'atan; baay'ee qorqalbii miidhaan narra gahe, baay'een rakkadhe, baay'een dhibame, deemun dadhabe... Mooyyaleettis na hidhan."

Barsiisaa Mokonnin Ajjamaa fi maatii isaanii (ijoollee lamaa fi haadha warraa isaa waliin)

Madda suuraa, Anaf Yifru

Ergan manatti hafee waggoota 12

Barsiisaan Mokonnin boodarra reebicha hamaa gaafa barataa ture irratti raawwatame fayyaa isaa gaaga'ee manatti isa hambisuu dubbata.

"Reebicha irra deddeebii gurra na rukutaniin miidhame… ofirraa kadhadhee dadhabe, ofirraa dhowwu hin dandeessu baay'taniit kan si reeban."

Bara 2006 kaasee immoo gargaarsa namaa malee ofii homaa gochuu akka hin dandeenye himu abbaan ijoollee lamaa bars. Mokonnin.

Namni digirii qaban kun ammaan tana barreessuu hin danda'u, cinaachisaa tokkotti malee ciisuu hin danda'an.

"Yeroo san gurra kan na miidhan. Karaa bitaatirraan na miidhan. Deemee deemee gara biraatti geeddaramee, deemuu na dhowwe, iddoo tokkon taa'a, warraaquu hin danda'u, kafana qofa kaawwachuu dha wanti ani danda'u. Wanta biraa homaa ofii kootii gochuu hin danda'u."

"Digrii baradheen qubaan mallatteessa" jedhu. Barreessuu hin danda'u, nyaatallee ittiin nyaachuu hin danda'u, cinaacha tokkitti ciisa hanga ammaa, anumatu wajjin rakkachaa jira malee uummanni Oromoo naaf hin beeku jedhu.

Dhibee isaatiif wal'aansaa fi qorannoo gahaa akka hin argatinis dubbata. "Wanti qullaayee beekamu hin jiru. Doktarri tokko Istirookii dha naan jedhe. Inni kaan immoo nagaa dha naan jedha, godaannisa wayii malee wanni mul'atu hin jiru."

Uummanni inni aarsaa kaffaleef akka isa gargaarus dhaammata barsiisaa Mokonnin.

"Kanin cabee, waan ittiin cabellee wallaalameef dhimmuma Oromoo kana.

Oromoon boolla guddaa osoon bu'ee achi keessaa na baasa jedheen eega. Garuu, sana naaf hin goone kan jedhu barsiisaan Mokonnin, uummanni quba isa qabaachuu dhabuunis garaa isa nyaata.

"Na gargaaraa! Harkaan barreessuullee hin danda'u, ashaaraan mallatteessaa isa kana jalaa na baasaa."

Barsiisaa Mokonninii fi waahillan isaa gaafa yunivarsiitii turan

Madda suuraa, Anaf Yifru

Gaaffii Finfinnee

Waayee magaalaa Finfinneerratti gaaffiin uummanni Oromoo qabu ammallee karaa qaxxaamuraarra akka jiru dubbatu barsiisan kun.

"Uummanni Oromoo gaaffii qaba. Uummanni Oromoo lafa isaa akka lafeetti ilaala. Yeroo sanis irratti du'aniituma, lubbuu baay'een irratti bahe, kan lubbuun hafee qorqalbiin miidhame ni jira. Finfinneerratti uummanni Oromoo qoosaa hin beeku."

Dhimmi magaalaa Finfinnee falmiidhaafuu waan dhiyaachuu hin malle kan jedhu miseensi KFO kun, dhimmi Finfinnee seerri bahuu dhabuun barootaaf akka dubbii falmisiisaa godhe jedhan.

"Deebii kan hin argatin kanaafi natti fakkaata. Seerri itti bahuu qaba."

Barsiisaa Mokonnin ammaan tana manatti hafee nama harka namaa eeggatu ta'uu isaatiin gargaarsi yaala fayyaaf isa fayyadu akka tinnisamuuf sochiin eegalameera.